Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota misooma qonnaan qabaman afran: wabii nyaataa mirkaneessuu, al-ergii guddisuu, al-galchii bakka buusuufi carraa hojii umuu milkeessuuf tarsiimoowwan garagaraa hojiirra oolchaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota misooma qonnaan qabaman afran: wabii nyaataa mirkaneessuu, al-ergii guddisuu, al-galchii bakka buusuufi carraa hojii umuu milkeessuuf tarsiimoowwan garagaraa hojiirra oolchaa jira.
Tarsiimoowwan kunneen, biyyee gabbataa, lafaa, qilleensa mijaawaafi qabeenya bishaanii naannichi qabu bu’uureffachuun ce’umsa qonnaa milkeessuu kan dandeessisanidha. Kunis, qonna mala aadaan gaggeeffamu gara mekaanayizeeshiniitti ceesisuu, waktii gannaa qofa omishuurraa gara misooma jallisii babaldhisuu, kilaasteran omishuu, inisheetivoota sirnoomsuufi aadaa hojii irratti jijjiirama bu’uuraa fiduudha.
Bu’uuruma kanaan, Mootummaan qabeenya bishaanii naannichi qabu sirnaan bulchuufi lafa misoomuu danda’u guutummaatti omishaaf oolchuuf, hojii baldhaa hojjachaa jira. Bishaan bulchuun gama tokkoon ce’umsa hawas-dinagdee naannichaa saffisiisuu, gama biraan rakkinoota sababa hongeetiin hawaasa mudachaa turaniif furmaata waaraa kaa’uudha
Qaama bishaan naannichaa sirnaan bulchuu kan ta’e, pirojektiin Jallisii Walmal, omishaafi omishtummaa guddisuun seenaa lafa gammoojjii naannawicha jijjiiraa jira.
Walumagalatti, Mootummaan Ida’amuu ce’umsa qonnaa dhugoomsuuf, omisha baay’ina, qulqullinaafi ariitiin omishuu, hidhata gabaa umuu, akkasumas qonna kalaqaafi teknoloojiin hogganuu irratti fuulleffatee jira. Haaluma kanaan, lafa qonnaa misoomuu danda’u hunda misoomsuu, kilaasteraan omishuu, jallisii babaldhisuu, mekanayizeeshiniifi galteewwan fayyadamuun omisha harkaa gara afaanirraa gara industiriifi gabeessuummaa qonnaatti ceesisuuf ni hojjatama






