Guyyaa har’aa Pirezidaantii MNO jalqabaa, kab. Obbo Hasan Alii yeroo kurnee saditti dhiyaatu booda maatii isaanii waliin gara biyya isaanitti yemmuun simadhu kabaja olaanaa waliin

  • 26 Dec 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Guyyaa har’aa Pirezidaantii MNO jalqabaa, kab. Obbo Hasan Alii yeroo kurnee saditti dhiyaatu booda maatii isaanii waliin gara biyya isaanitti yemmuun simadhu kabaja olaanaa waliini. Pirezidaanti Hasan qabsoo ummata keenyaa keessatti gahee bahachaa turaniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa sadarkaa har’aa kana akka qaqqabu namoota adda durummaan bu’uura kaa’aniidha.

Har’a baga gammaddan jechuunii kanan barbaadu maatii isaanii waliin nagaan gara biyya isaanii dhufuu qofaaf miti; mootummaa isaan waa’iloota waliin bu’uuressan dhiibbaa hunda damdamatee oftursiisuu qofa irratti osoo hindaanga’in, cimeefi baldhatee ummata isaan qabsaa’aniif sadarkaa qe’eetti yemmuu tajaajilu arguu dandaa’uu isaanitiifi. Gahee sadarkaa hundatti bahataniif, akkasumas tajaajila isaanitiif maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galatoomaa jechuun barbaada. Carraa kanaan, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ilmaan ummataa sababoota adda addaatin fagaatan akkaataa duudhaa ganamaatiin gara qe’eetti dhiyeessuuf fedhiifi kutannoo olaanaa kan qabu ta’uus asumaan kanan mirkaneessu ta’a.