Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota misooma qonnaan qabaman milkeessuuf, inisheetivoota garagaraa bocuun hojiirraa oolchaa jira

  • 04 Dec 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota misooma qonnaan qabaman milkeessuuf, inisheetivoota garagaraa bocuun hojiirraa oolchaa jira. Inisheetivoota kanneen keessaa tokko inisheetivii misooma ruuzii yoota’u, haala mijataafi dilbii naannichaa bu’uureffachuun, omishni ruuzii ce’umsa qonnaa keessatti qooda gumaachuu qabu akka bahuuf, qajeeltoowwan qulqullina, ariitiifi baay'inaan omishuu jedhuun xiyyeeffannoo olaanaan hojjatamaa jira.

Inisheetiviin misooma ruuzii bara 2014/15 labsii Badalleetiin erga ifoomeen as hojii gama itti fayyadama teekinoolojiin, dhiyeessi sanyii filatamaa, walgitiinsa gosa biyyeefi fedhii gabaa umuu, tajaajila ekisteenshinii kennuun xiyyeeffannaan hojjatameen omishni ruuzii bu’aa olaanaa argamsiisaa jira. Kanaanis uwwisni lafaa, callaan argamuufi qulqullinni omishaas dabaleera.

Bu’uuruma kanaan uwwisni omishaa, godinaalee qilleensa omisha ruuziif mijatu qaban, bakkeewwan kanaan dura hin baratamne dhaqqabsiisuun, baroota darban godinaalee akka Jimmaa, Iluu Abbaaboor, Buunnoo Baddallee, Wallaggaa arfaniifi Shawaa Lixaatti hojii misooma ruuzii babaldhisuu, hojjatameen uwwisni lafaa bara omishaa 2014/15 hekt. 101’fi callaa kuntaala kuma 4fi 311 qofa argamee ture, bara omishaa 2017/18tti uwwisa lafaa gara hekt. Mil. 1.28 olguddisuun, callaan kuntaalli mil. 58.59 ni argama jedhamee hojiin sassaabbii gaggeeffamaa jira.

Bara 2017 irraa eegalee fedhii biyya keessaa guutuun wabii nyaataa mirkaneessuu, omisha biyya alaarra galu hambisuu, oomishtummaafi qulqullina ruuzii guddisuuf dursi kennamee hojjatamaa jira. Kunis sanyiiwwan omisha guddaa kennan, ‘agroecology’ garagaraatti madaqan, dhukkubootaafi ilbiisota dandamatan misoomsuun, qorannoofi dhiyeessii sanyii babal’isuun, omishni argamu fedhii biyya keessaa guutuun gabaa idil-addunyaaf akka ooluuf hojii bal’aan hojjatamaa jira. 

Addattimmoo, omishni ruuzii, qulqullina ol’aanaa gabaa idil-addunyaarratti dorgomaa akka ta’uuf, maashinoota ruuzii afuufan (Polishers) dhiyeessuu kan jalqabamee jira. Mashinoonni kunneen, bocaafi bifa sirreessuun omishni ruuzii qulqullina olaanaa, turtii yeroo kuusaa dheeraa, dhadhama gaarii yeroo bilchaate akka qabaatuufi filatamummaa, akkasumas al-ergiif dorgomaafi gatii olaanaa akka qabaatu kan taasisudha. Dabalataanis, ekisteenshinii ruuzii ‘agro-ecology’ jiran qofa qofaa xiinxalan, darbees qotee bulaa, ogeessaafi hoggansa gandaafi aanaa, gargar baasuun leenjiin kan kennamu ta'a.

Walumaagalatti, imalli ariitii hanga ammaa omisha dabaluutiin galmaa’e, yeroo gababaa keessatti fedhii biyya keessaa guutuun gara al-ergiitti ce’uuf dandeettii qabaachuu keenya kan agarsiisudha. Imalli kun galma barbaadame dhaqqabuuf, qulqullina omishaan dabaalamuu qaba. Kanaafis, oomishtummaafi qulqullinaa dabaluurratti hojjachuun dorgommummaa idil addunyaatiif gamanumaa ofqopheessuun dhimma murteessaafi bu’uuraa ta’uun hubatamuu qaba.