Magaalaan bakka guddinni saffisaa keessaa maddu, motora kalaqaafi dinagdee akkasumas, wiirtuu hojii daldalaa, industiriifi tajaajila ariifataati. Akkasumas, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf, darbees haala mijataa jiraataan kamuu carraa dinagdee irraa

  • 01 Dec 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Magaalaan bakka guddinni saffisaa keessaa maddu, motora kalaqaafi dinagdee akkasumas, wiirtuu hojii daldalaa, industiriifi tajaajila ariifataati. Akkasumas, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf, darbees haala mijataa jiraataan kamuu carraa dinagdee irraa fayyadamaa ta'u umuuf magaalan bakka mijataadha.

Mootummaanis kana dursee hubachuun misooma magaalaatiin galmoota gurguddoo afur qabate fiixaan baasuuf tarsiimoofi sagantaa garaagaraa bocuun hojiirra oolchuurratti argama. Galmoonni kunneen: wabii nyaataa mirkaneessuu, ogummaa dagaagsuu, dhaweessummaafi bulchiinsa elektironiksii (e-governance) yoota'an, magaalonni dilbii qaban sirnaan fayyadamuun gahee ce'umsa dinagdee keessatti bahachuu qaban akka milkeessan karoorri yeroo giddugaleessafi dheeraa qabamee hojjatamaa jira.

Akka Naannoo Oromiyaatti, jiraattota magaalaa keessaa %41 kallattumaan qonnaan kan jiraatanidha. Jiruufi jireenya jiraattota kanneenii, bu'uura amaloota Mootummaa Ida'amuutiin fooyyessuuf, magaalarratti dameewwan dinagdee biroo cinaatti qonnarratti xiyyeeffannoon akka hojjatamu haala dirqisiisaa umeera.

Bu'uuruma kanaan, Oromiyaan qabeenya humna namaa baldhaa qonna irratti bobba’uu danda’uufi haala mijataa gama lafa, bishaan, qilleensa gaariifi “agro-ecology” baldhaa qabutti dhimma bahuun, qonna magaalaa irratti inisheetiviiwwan gurguddoon bocamuun hojjatamaa jira.

Haaluma kanaan hojiiwwan akka furdisa loonii, horsiisa lukkuu, horsiisa horii aannanii, omisha midhaanii, fuduraafi muduraaf kanneen biroo irratti hojjetamaa jiruun, hawaasni magaalaa naannoo keenyaa fayyadamaa ta'aa jira. Omishaaleen qonna magaalaan omishaman kun, wabii nyaataa mirkaneessuu, carraa hojii umuu, akkasumas qaala'insa gabaa tasgabbeessuu keessatti shoora olaanaa kan qabanidha. Addattimmoo magaalonni eeggattummaarraa gara omishtummaatti akka cehan kan taasisanidha.

Qonna magaalaatiin, hojiiwwan hanga ammaatti hojjatamaniin, bu'aaleen abdachiisoon argamaa jiru. Haata'u malee, poteenshaala magaalonni keenya qaban waliin yoo madaalamu, ammas hojii baldhaatu hojjatamuu qaba. Mootummaanis, bu'aawwan argaman dilbii magaalonni qaban waliin walsimsiisuuf, omishaaleen kunneen baay'ina, qulqullinaafi ariitiin akka omishaman kan hojjatu ta'a.