Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, leenjii hoggansa badhaadhinaa guyyoottan saddeettan darbaniif mata dureewwan "Ilaalma Mootummaa Ida’amuutiin ce'umsa qonnaafi baadiyyaa, guddina Industrii Omishaa, guddina magaalaafi tuuriizimii" jedhan irratti kennaman er

  • 28 Nov 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa, leenjii hoggansa badhaadhinaa guyyoottan saddeettan darbaniif mata dureewwan "Ilaalma Mootummaa Ida’amuutiin ce'umsa qonnaafi baadiyyaa, guddina Industrii Omishaa, guddina magaalaafi tuuriizimii" jedhan irratti kennaman erga guduunfaniin booda hoggantoota leenjii marsaa kanarratti hirmaataniif qajeelfama hojii kennan.
Leenjiin Hoggansaa Badhaadhinaa Oromiyaa   mataduree “Ilaalama Mootummaa Ida’amuutiin Guddina Dameelee” jedhuun guyyoota saddeetiif wiirtuulee leenjii jaha Adaamaa, Shaashamannee, Naqamtee, Jimmaa, Maayaafi Bulee Horaatti kennamaa  ture qajeelfama hojii Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa kennaniin xumurameera. 
Leenjiin hoggansa Badhaadhinaa kun guyyoottan saddeettan darbaniif ilaalama Mootummaa Ida’amuu kan ta’an ce’umsa qonnaafi baadiyyaa, misooma industrii omishaa, ce’umsa magaalaafi tuuriizimii kanneen jedhan irratti xiyyeeffachuun kennama tureera.
Saganta cufinsaa leenjii kanarratti kan argaman Pirezidaanti Shimallis, dhimmoota ijoo xiyyeeffannoo hoggansa mootummaa ta’u qaban irrattis kallatti ka’aaniiru. Bu’uuruma kanaan hoggansi mootummaa sadarkaan jiru qajeeltowwan Mootummaa Ida’aamuutin masakamuun cabiinsota hundagaleessa barootaaf turan waldhaanuun badhaadhina maatiifi biyyaa dhugoomsu akka qabu dubbataniiru. Waldhaansi cabiinsaarratti taasifamu kun akka milkaa’uuf immoo haala baramee keessaa bahuun hojiilee hunda qajeeltowwan Mootummaa Ida’amuu kan ta’an kalaqa, ariitiifi tarkaanfannaa ol’aanaan raawwatamuu akka qabus akeekaniiru.
Galmoota mootummaan qabaman milkeessuuf amala Mootummaa Ida’amuun qajeelfamuun akka barbaachisuu himuun, hoggansifi hojjettoonni mootummaa hojimaataafi seeroota akkasumas imaammattootaafi tarsiimoowwan bocamaniin raawwachisu qabu jedhan. Dabalataanis karoorri mootummaa Ida’amuu,  tarkaanfii haaraa/ inisheetivii kan qabu, bu’aalee argaman qixaan xiinxalee injifannoo caalmaaf kallattii kan akeeku, qormaatilee jiran kan hubatuufi furmaata kan akeeku, safartuu raawwii isaa baay’ina, qulqullinaafi ariitii kan taasifate ta’uu akka qabus addeessaniiru. Pirezidaanti Shimallis ittifufuun, qusannaan mootummaafi dhuunfaa guddachuu akka qabu dhaamuun, inveestimantiin baadiyyaafi magaalaatti akka babaldhaatuf aadaan qusannaa bu’uurarraa geeddaramuu akka qabu eeraniiru. 
Mootummaa Ida’amuutiif bu’uurri jabaan ummata ta’u kan himan Kabajamoo Obbo Shimallis, ummanni keenya ummata muldhata waloo irratti tokkoomee, sabboonummaan isaa hirmaanna si’ooma dinagdee, barnootaafi teknolojii keessatti akka ifu amanee kan fudhate waanta’eef, humna waloo keessatti qooda isaa akka bahatuuf  hoggansi mootummaa sadarkaan jiru xiyyeeffannaan hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.
Mootummaa Ida’amuu bu’uurarraa cimsuuf utubaan  inni biraan Badhaadhina sadarkaa maatiifi biyyaatti dhugoomsudha kan jedhan yoota’u, kana gochuudhaafis carraa misoomuuf jiru qixa sirriin hubachuun dinagdeetti jijjiiruun barbaachisaa ta’u kaasan. Innisheetivoota bocaman babaldhisuun, aadaa hojii jijjiiraa, halkanii guyyaa hojjechuun, omishaafi oomishtummaa guddisuun akkasumas ogummaa dagaagsuun qusannaa sadarkaa maatiifi  mootummaa dabaluufi ce’umsa baadiyyaa mirkaneessuun dhimmoota xiyyeeffannaafi xiiqii gaafatan waanta’eef kutannoon akka hojjetamu qabu kallatti kennaniru Pirezidaanti Shimallis.
Dhumarratti, wiirtuun Badhaadhinaa Mootummaa Gandaati kan jedhan yoota’u, Gandaatti amalli Mootummaa Ida’amuu sirnaan ifu qaba jedhan. Kun akka ta’ufimmoo, gandoonni keenya tajaajilli  ammayyaafi si’oomaan, haaroomsi aadaa, duudhaafi eenyummaan ummata keenya kan ittidagaage akkasumas inisheetiviiwwan hundi haala qabatamaa jiruun kan itti babaldhatan, ogummaafi dhaweessummaan kan itti dagaage dabalataanis carraan hojii kan itti umamee ta’e hojjetama deemu akka qabu ibsaniiru. 
Itti dabaluunis, magaalotaafi baadiyyaa keessattis bu’uuraalee misoomaafi industriiwwan godoo babaldhisuun, qosannaa mootummaafi maatii  guddisuun qonnaan bultootnifi horsiisee bultoonni gara inveestimantitti akka ce’aniif haala mijaata umaa deemuun barbaachisaa akka ta’e hubachiisaniru.