Adeemsi Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa akka milkaa'uuf Mootummaan Jijjiiramaa sagantalee, tarsiimoofi imaammattoota adda addaa bocun hojiitti hiikaa jira
Adeemsi Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa akka milkaa'uuf Mootummaan Jijjiiramaa sagantalee, tarsiimoofi imaammattoota adda addaa bocun hojiitti hiikaa jira. Tarsiimoowwan bocaman kunneen rakkoolee jiraniifi cabiinsaa magaalomsuun keenyaa dhaalee waldhaanuun fayyadamummaa ummataa keenyaa kan mirkaneessanidha.
Kanaanis, tarsiimoon Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa utubaalee hammattoo afur kan qabuudha. Inni jalqabaa, Wabii nyaataa mirkaneessuu yoota’u, kanaaf immoo baadiyyaatti waqtiilee hundaa magaalaattimmoo qonna magaalaatiin omishaafi oomishtummaa guddisuudha. Wabiin nyaataa yoo mirkanaa’ee dhaloota dorgomaa ta'eefi omishaarratti humna guutuun hirmaatu horachuuf carraa kan banuudha.
Utuba hammattoo inni lammeessoon ummataa keenyaa ogummaa gonfachiisuu yoota'u, keessattu dargaggoota umurii omishtummaarra jiran dandeettii ogummaasaanii dagaagsuu, leenjii kennuufi haalota mijata umuudhaan ogummaa akka horatan sochii dandeessisuu umuudha.
Utubaa hammattoo sadeessoon dhaweessummaa dagaagsuudha. Dhaweessummaa dagaagsuuf haalota barbaachisoo kanneen akka liqii, iddoo omishaa akkasumas leenjii gochaafi yaaliin deeggaramee kennurratti cichoominaan hojjechuudha. Mootummaan haala mijata kanaa umuuf dhaabbilee ogummaafi teknikaa babaldhisuufi sadarkaa dhaweessummaa tokkon tokkoon ummataa keenya daran guddisuurratti hojjechaa jira.
Utubaa hammattoo inni dhumaa bulchiinsa elektironiksii (e-governance) diriirsuudha. Sirna bulchiinsa elektironiksii diriirsuun kenna tajaajilaa si’ataa umuun namoonni hojiilee daldalaa adda addaarratti bobba'an salphaatti tajaajilaa saffisaan akka argatan taasisuun cinaatti deeggarsa mootummaarra barbaadaniif haala mijata kan umuu ta'a. Deddeebii waajjiraalee mootummaatti taasifamuu hirdhisuun yeroofi mallaaqa bahuu hambisuun ittiquufiinsa lammilee kan mirkaneessufi badhaadhinaa kan dhugoomsudha.
Walumaagalatti Mootummaan jijjiiramaa, imalli kun galmoota qabsoo Oromoon walsimee akka deemuuf xiyyeeffannoo ol'aanaan hojjechaa jira. Kunimmoo ummataa dinagdeen humnoomeefi biyyaa badhaate arguuf abjuu qabameef utubaa ijoodha.






