Lafa Magaalomsuun, yaad-rimee ijaarama naannoo, caasaa nafoofi bu’uuraalee misooma murteessoo hundaa kan umuu, karooraafi bulchiinsa ittifayyadama lafaa, akkasumas hariiroo ilmi namaa naannoo umamaa wajjin qabullee dabalata. - Pirezidaantii MNO, Shimallis
Lafa Magaalomsuun, yaad-rimee ijaarama naannoo, caasaa nafoofi bu’uuraalee misooma murteessoo hundaa kan umuu, karooraafi bulchiinsa ittifayyadama lafaa, akkasumas hariiroo ilmi namaa naannoo umamaa wajjin qabullee dabalata. - Pirezidaantii MNO, Shimallis Abdiisaa
Mootummaan Jijjiiramaa imalli Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa, hudhaalee turan mala kalaqaawafi hammatoon furmaata akka argataniif tarsiimoofi imaammattoota garaagaraa bocuun hojiirra oolchaa jira.
Magaalomsuun tarsiimoofi karooraan yoo hogganamuu hanqate miidhaa guddaa geessisa. Rakkoo magaalomsuu waliin walqabatee barootaf ummata keenya miidhaa ture furuuf LAFA MAGAALOMSUU’n furmaatilee Mootummaa Jijjiiramaa Naannoo keenyaan bocaman keessa tokkodha.
Lafa Magaalomsuun yaad-rimee ijaarama naannoo, caasaa nafoofi bu’uuraalee misooma murteessoo hundaa kan umuu, karooraafi bulchiinsa ittifayyadama lafaa, akkasumas hariiroo ilmi namaa naannoo umamaa wajjin qabullee dabalata. Akeekni isaas qabeenya umama gahumsaan akka ittifayyadaman misooma dinagdee magaalaa iitifufiinsa qabuuf haala mijeessuudha.
Lafa magaalomsuun invastimantii guddaa bu’uuraalee misoomaa, ittifayyadama lafaa bu’a qabeessafi hariiroo naannawa madaallii eege qabaachuu gaafata.
Akkasumas, kufaatii darbe irraa barachuun ummata keenyaaf carraa guddinaa umuu, bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo guutuu, jireenyaf haala mijataa dhugoomsuu, walgitiinsafi hammattummaa mirkaneessuu, akkasumas michummaa naannawaa ittifufsiisuu irratti imala jijjiiramaa fakkeenyummaa qabuun mirkaana’a.
Kanaafis, Mootummaan Naannoo Oromiyaa, imala magaalomsuu eegale ittifufuun, kalattilee kaawwamaniifi karooroota qabaman galmaan ga'uuf ofeeggannoo ol’aanaan kan hojjetu ta’a.






