Meeshaan guddaan hiyyummaa ittiin diignu tajaajila! -Pirezidaanti, Shimallis Abdiisaa.
Meeshaan guddaan hiyyummaa ittiin diignu tajaajila! -Pirezidaanti, Shimallis Abdiisaa.
Mootummaan Jijjiiramaa ce’umsa hawaas-dinagdeefi misooma ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf tajaajilli shoora ol’aanaa qabaachuu dursee hubachuun, kenna tajaajilaa irratti jijjiirama waaraafi ce’umsa barbaadamu fiduuf hojjachuurratti argama. Tajaajilli qixa sirriin yoo hinkennamne, guddinni barbaadamu dhufuu kan hindandeenyeefi, hiyyummaan umurii kan dheereffatu waanta’eef, rakkoo kenna tajaajilaan walqabatee Oromiyaa keessattui muldhatuuf, furmaata waaraa fiduun dirqama olaanaadha.
Bu’uuruma kanaan, Mootummaan ergama badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuufi galmoota gulantaa qabsoo Oromoo madaalan boce fiixaan baasuu kan danda’u, tajaajila haqa qabeessaafi itti quufinsa ummataa giddugaleeffate yoo kenne qofadha.
Kenna tajaajilaa irratti tarkaanfii seena qabeessi Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa fudhate keessaa tokko, caaseffama Mootummaa Gandaa bifa haaraan gurmeessuudha. Caaseffamni kun ummatatti dhiyaachuun kenna tajaajilaa kan si’oomsu, bulchiinsaa fedhaafi hirmaannaa ummataatiin nageenya waaraa, misooma ittifufiinsa qabuufi badhaadhina hundagaleessa kan bu'uuressudha. Kanaanis, rakkoowwan dhimmoota bulchiinsaa, dinagdee, hawaasummaafi kenna tajaajilaan walqabatan hundeerraa furuun, bulchiinsa ummatatti dhiyoo rakkoo barootaaf turan furuufi ce'umsa utubuu keessatti dhimma murteessadha.
Dabalataanis, kallattiiwwan tarsiima’oo magaalomsuu MNO keessaa tokko, mootummaa magaalomsuu keessatti qabxiin ijoon, kenna tajaajilaa fooyyessuudha. Tarkaanfii kanaanis, riifoormii tajaajila hundagaleessaa gaggeessuun, kenniinsa tajaajilaa bara waliin deemu (E-Governance) sirnoomsuu irratti jalqabbiin gaariin eegalamaniiru. Kunis, rakkoowwan kanaan dura turaniif, furmaatilee dijiitaalawaa kenna tajaajilaa cimsan, adeemsa bulchiinsaa fooyyessan, akkasumas qaqqabummaa, si’aawummaa, itti gaafatamummaa, haqummaafi ittiquufinsa lammiilee mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaban sadarkaan diriirfamaa jiru.
Bu’uuruma kanaan, akka jalqabbiitti magaalota naannichaa shan keessatti wiirtuuwwan tajaajila iddoo tokkoo qophaa’uun tajaajila kennuu irratti argamu. Wiirtuuwwan kunniin, galma akka biyyaatti qabame, “Dijiital Itiyoophiyaa” bu’uura godhachuun kan hundeeffaman yoota’an, tajaajiloota 100 ol iddoo tokkotti kennuu kan dandeessisaniidha. Kunis, qaqqabummaa, iftoominaafi qulqullummaa tajaajilaa dabaluu akkasumas alseerummaafi alnaamusummaa hoj-maata duubatti hafaa hambisuuf, kenna tajaajila mootummaa dijitalessuu irratti kan fuulleffatanidha.
Tarkaanfiiwwan kun, tajaajiloota lammiileef kennaman keessatti hojimaanni sirriin akka hordofaman taasisuuf, tajaajila saffisiisufi ittigaafatamummaa mirkaneessuuf kan gargaaranidha. Bu’aan tajaajila sirrii hawaasa biraan gahuu kunimmoo, hiyyummaa hirdhisuu, bu’a qabeesuummaa mootummaa mirkaneessuu, milkaa’ina gama galmoota misoomaan qabamaniifi fooyya’insa jiruuf jireenya ummataan kan ifoomaniidha. Tajaajilli haqa qabeessi, Mootummaa Jijjiiramaatiif, dhimma dirqama ta’eefi akkaan murteessaadha. Kunis, Mootummaafi ummata gidduu hariiroo jiru gabbisuufi galma badhaadhina akka biyyaatti mirkaneessuuf qabameef, bu’uura cimaa kan kaa’udha.
Fuldurattis, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa ergama badhaadhina hundagaleessa qabate fiixaan baasuuf, rakkoowwan kenna tajaajila irratti mul’atan hundeerraa furuuf kan hojjatu ta’a. Kanaanis, caasaan hundi rakkoo hiikuufi murteewwan jiruufi jireenya ummataa foyyessan, jijjiirama hawaas-dinagdeetiif bu’uura ta’an hojjachuu irratti fuulleffachuutu irra jira. Walumaagalatti, meeshaan hiyyumaa ittin injifatamu "TAJAAJILA" ta'uun hubatamee, mootummaan kenna tajaajila ammayyeessuuf hojimaataan deeggaruu, akkasumas gahumsa hoggansaafi raawwataa fooyyessuuf caalmaatti kan hojjatu ta’a.






