Waltajjiin Marii Kaawuunsilii Hammattummaa Faayinaansii Mootummaa Naannoo Oromiyaa (MNO), Taaskifoorsii Hammatummaa Faayinaansii MNO’fi Baankii Biyyoolessa Itiyoophiya waliin Waajjira Pirezidaantii MNO’tti gaggeeffame.

  • 15 Nov 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Waltajjiin Marii Kaawuunsilii Hammattummaa Faayinaansii Mootummaa Naannoo Oromiyaa (MNO), Taaskifoorsii Hammatummaa Faayinaansii MNO’fi Baankii Biyyoolessa Itiyoophiya waliin Waajjira Pirezidaantii MNO’tti gaggeeffame. 

Waltajjiin marii kun bakka Pirezidaantii Itti Aanaa MNO’fi Walitti qabaan Kaawunsilii Hammattummaa Faayinaansii MNO obbo Awwaluu Abdiifi Bakka Bu’oonni Baankii Biyyoolessaa, akkasumas miseensonni kaawuunsilichaa argamanitti kan gaggeeffame yoota’u, Hammatummaa Faayinaansii (financial inclusion) naannichaa ilaalchisee ajandaa gurguddoo 4 irratti mari’atameera. 

Pirezidaantii Itti Aanaa MNO haasawaa baniinsaa taasisaniin, taajaajila faayinaansi babaldhisuu ilaachisee hojiilee ijoo Oromiyaa keessatti hojjatamaa jiran ibsuun, ammas hanqina hammattummaa faayinaansii Naannoo Oromiyaa hir'isuuf hojiin bal'aan kan hafu ta'uu yaadachiisaniiru.

Kaawunsilichi ergama Hammatummaa Faayinaansii qonnaan bultoota, horsiisee bultoota, dargaggoota, dubartoota, maatii(household)’fi daldaltoota xixiqqaarraa kaasee hawaasa hundaaf tajaajila faayinaansii qaqqabamaa gochuuf kan hojjatuudha. Akkasumas, namni bakka jireenyaafi galii argatuun osoo hindaangeffamiin lammiilee baadiyyaa, akkasumas namoota galii gadaanaa qaban dabalatee mirga tajaajila faayinaansii barbaachisoo: qusannaa, liqii, inshuraansii, kaffaltii dijitaalaafi beekumsa faayinaansii haqa-qabeessaafi amanamaa ta’e akka argatan kan taasisuudha. Kunis galmoota mootummaan qabatee socho'aa jiru milkeessuu keessatti dhimma shoora ol'aanaa qabu ta'uun xiyyeeffannoon hojjatamuu akka qabus waltajjicha irratti eerameera.

Bakka Bu’aan Baankii Biyyoolessa Itiyoophiyaa (National Bank of Ethiopia) Obbo Abrahaam Fiqaaduu marii kanarratti yaada kennaniin, raawwiin Naannoo Oromiyaa kan bara 2017 hanga barbaadamu ta’uu baatus, milkaa’inni argame akka jalqabiitti jajjabeessa ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, hojiirra oolmaa tarsiimoo hammattummaa faayinaansii biyyoolessaan walqabatee rakkoowwan mudatan bu’uurarraa furuufi raawwii gara fuulduraa qixa barbaadameen milkeessuuf, Baankiin Biyyoolessaa ogeessota deeggarsa ogummaa qooda fudhattoota naannichaaf taasisan ramaduun eerameera.

Dhumarrattis, yaadaafi gaaffii miseensota kaawunsiliifi taaksifoorsii irraa dhiyaatan irratti ibsi kennamuun, kallattiin gara fuulduraa Pirezidaantii Itti Aanaa MNO Obbo Awwaluu Abdiitiin kennamuun goolabameera.