Galmoota misooma baadiyyaan qabaman milkeessuuf, Mootummaan Jijjiiramaa imaammataafi tarsiimoowwan qonna naannichaa ammayyeessaniifi ceesisan bocuun hojiirra oolchaa jira.

  • 03 Nov 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Galmoota misooma baadiyyaan qabaman milkeessuuf, Mootummaan Jijjiiramaa imaammataafi tarsiimoowwan qonna naannichaa ammayyeessaniifi ceesisan bocuun hojiirra oolchaa jira.

Jijjiiramaa as mootummaan damee qonnaa ceesisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun tarkaanfii heddu deemera. Kanaanis, Oromiyaan qonna daangeffamaa irraa bahuun, waqtiilee hunda omishuu, akkasumas qonna mekanayizeshinii babal'isuufi idileessurratti xiyyeeffatamee hojjatamaa jira.

Omishaaleen qonnaa kunneen immoo baay’inaafi qulqullinaa akka qabaatu, akkasumas yeroo gaheetti akka sassaabamu taasifamaa jira. Bu’uuruma kanaan, roobaa gannaatti dhimma bahuun omishaaleen omishamaa turan harcaa’insa tokko malee akka sassaabamaaniif hojiileen garaagaraa hojjetama jiru.

Yeroon sassaabbii midhaanii naannoorraa gara naannootti, akkasumas godinaa gara godinaatti garaagarummaa waan qabuuf filmaatawwan sassaabbii adda addaa haala qilleensa godinaaleefi omishaalee isaanii giddugaleeffachuun qophiin barbaachisaa ta’e taasifamee hojitti seenameera. 

Qonnaan bultoonni naannoo keenyaas gorsa ogeeyyi qonnaafi raaga haala qilleensaa hordofuun  omisha sassaabbiif qaqqabefi gahee otoo roobaanis ta’ee balaa adda addaan hinmiidhamin sassaabuurratti argamu. Kunimmoo harcaatifi qisaasamaa midhaanirraa qaqqabuu danda’u hambisuun omishni omishame qulqullinaan akka walitti qabamuuf kan gargaarudha.

Walumaagalaatti, tarkaanfiin qonna naannichaa ammayyeessuuf hojjetaman omisha gahe sirnafi yeroosaatti qulqullinaan akka walitti qabamuuf hojiin sassaabbii omishaalee qonnaa xiyyeeffannoo ol’aanaan kan geeggeffamu ta’a.