Wiirtuun ce'uumsa waahundaa ganda/araddaadha! -Pirezidaanti, Shimallis Abdiisaa

  • 03 Nov 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Wiirtuun ce'uumsa waahundaa ganda/araddaadha! -Pirezidaanti, Shimallis Abdiisaa

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa badhaadhina maatii bu’uuressuuf, tarkaanfiiwwan seena qabeessa fudhate keessaa inni ijoon gurmaa'insa Mootummaa Gandaati. Mootummaan Gandaa gama tokkoon hirmaannaa lammiilee dagaagsuun, ijaarsa sirna dimokiraasii, bulchiinsa gaariifi sirnaatiif bu’uura cimaa kan ka'ufi ce’uumsa hundagaleessa kan dhugoomsudha.

Gandi/araddaan bakka inisheetivoonni itti argamaniifi itti raawwatamaniidha. Gama biraatiin, humnoota omishaa afran: lafaa, humna namaa, kaappitaalaafi dhaweessummaa qixaan hogganuuf xiyyeeffannoon gandaaf kennuun barbaachisaa yoota'u, kunneen sirnaan fayyadamuun jiruufi jireenya ummataa hundeerraa jijjiiruuf murteessadha.

Mootummaan Jijjiiramaa, ce’uumsa hundagaleessa dhugoomsuuf, gandoota/araddaalee hundarratti Giddugalli Guddina Baadiyyaa (GGB) -HAAROMEE'n hundeeffameera.

GGB, wiirtuuwwan dinagdee tarsiima'aa of keessatti hammachuun, qonna ammayyeessuufi ogummaa dagaagsuu dadammaqiinsa dinagdee kan uumanidha. Kanaanis, hirkannaa qonna mala aadaatiin turerraa gara qonna ammayyaatti guddisuun, inisheetiiviiwwan idiloomsuun qonnaan bulaan gara omisha kurfeessuu (processing) tti akka cehu kan dandeessisuudha.

Dabalataanis, sochiiwwan daldalaafi tajaajila irratti akka hirmaatan, ce'umsi beekumsaafi itti fayyadamni teknoloojii akka babaldhatu gochuun, qonnaan bultoonnifi horsiise bultoonni gara invastimantiitti akka ce'an kan gargaarudha.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, jiruufi jireenya ummataa hundeerraa fooyyessuuf, imaammattootaafi tarsiimoowwan dandeessisoo bocuun raawwachiisuurratti argama. Kanaanis, mootummaan hojiin bu'uuraalee misoomaa babaldhisuu, hirmaannaa ummataa cimsuu, deeggarsafi hordoffiin taasifamaa jiru caalmaatti cimsaa kan deemu ta'a