Holqi Soofumar bu’aa qaroomina akaakileefi abaabileewwan keenyati! Ministira Muummee, Abiyyi Ahimad(PhD)
Holqi Soofumar bu’aa qaroomina akaakileefi abaabileewwan keenyati! Ministira Muummee, Abiyyi Ahimad(PhD)
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD), yaa’ii idilee 6’ssoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa bara hojii shaneessoo walgahii idilee lammeessoorratti dhiyaachuun, gaaffiileefi yaadota garaagaraa miseensota mana mareecharraa ka’aaniif har'a ibsaafi deebii kennanii jiru.
Ibsa isaanii keessatti, qabeenya umaamaafi amanamummaa ummata naannawaa Baalee umamaaf qabu irratti, ummanni Baalee ummata ajaa’ibaafi safuu qabu waanta’eef, paarkii biyyoolessaa lafa hekt. Kuma 2 ol irraa qubate jiru osoo hin mancaasin ummata tikseedha jechuun galateeffatan.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(PhD), bosona kana tiksanii dhalootaaf dabarsuun ulfaata ta’us, Baalee garuu kana gochuu danda’eera jechuun dubbatan. Baalee qabeenya umamaan badhaatudha kan jedhan Abiyyi Ahimad(PhD), Holqi Soofumar bishaaniin kan umaame osoo hintaane, bu’aa qaroomina akaakileefi abaabileewwan keenyaa akka ta’e eeruun, kanaan duraa holqi kun lolaa bishaaniin akka umameetti himama turuun sirrii akka hintaane, maqa balleessiifi dagannaan bakkicharratti raawwatamuu himan.
Ittidabaluunis, MM qaroominni addunyaa kanaa ijaarsaafi bobboca dhagaa waliin walqabachaa turuu ibsuun, biyyoonni addunyaa kanaa qabeenya isaanii bifa kanaan ijaarame dhimma itti bahuun, wayita madda galii taasifatan kan keenya garuu amala qabeenya keenya busheessuu keessa waantureef irratti hojjechaa hinturre jedhan.
Soofumar qabeenya guddaadha, keessoo isaatti bakka waaqeffannaafi bobboca ajaa’ibsiisaa qabudha kan jedhan Ministirri Muummee, Yeroo amma kana mootummaan bartee qabeenyaafi waanofii busheessuu ture cabsuun fayidaa waloofi biyyaaf oolchaa jiraachuu dubbataniiru.
Baalee sirnakkoo hundaa lafa bakka tokkotti hammatee jiru waanta’eef, sirnakkoo kana kunuunsun ummata nun eegeef galatatu mala jedhan.
Torbee darbe jilli Ministira Muummee Abiyyi Ahimadiin(PhD) durfamu sochiilee misoomaa garaagaraa jijjiiramaa as eegalee Godina Baaleetti adeemsifamaa jiru daawwachuun ni yaadatama.






