Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Godina Sh/Kaabaa, Aanaa Waacaalee, Dabra Libanoos fi Giraar Jaarsootti argamuun sochiilee misoomaa garaagaraa daawwatan.
Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii, Godina Sh/Kaabaa, Aanaa Waacaalee, Dabra Libanoos fi Giraar Jaarsootti argamuun sochiilee misoomaa garaagaraa daawwatan.
Hojiilee misooma daawwataman keessaa omishni qonnaa Qamadii gannaafi Xaafii kilaasteraan misoome isaan tokko yoota'u, godinichatti qonna qamadii gannaan lafti hekt. kuma 200fi kumni 39 ol kilaastaraan kan misoomedha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa kilaastaraan omishuu ce'uumsaa qonnaafi qonna ammayyeessuuf akka filannoo gaariitti adda baasuun irratti hojjataa jira. Akkasumas, fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf, qonnaan bultoonni deeggarsa ogummaa, galteewwan qonnaafi calla guddistuu qindoominaan akka argatan kan isaan dandeessisuudha.
Dabalataanis, meeshaalee makanayizeshinii qonnaa adda addaa waloon akka fayyadamaan kan taasisu, qisaasama hirdhisuufi gabeessummaan omishaa mijeessuuf qonni kilaastara akka filannoo gaariitti kan dhiyaatudha.






