Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, "roadmap" sirna barnootaa Looreetii Nagaa Addunyaa, Ministirri Mummee keenya Abiyyi Ahimad (PhD) waggoota torba dura kaa'an hordofuun, barnoota saayinsiifi teknoolojii akka galma tarsiima'oo tokkootti kaa'atee soch
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, "roadmap" sirna barnootaa Looreetii Nagaa Addunyaa, Ministirri Mummee keenya Abiyyi Ahimad (PhD) waggoota torba dura kaa'an hordofuun, barnoota saayinsiifi teknoolojii akka galma tarsiima'oo tokkootti kaa'atee socho'aa tureera.
Galma dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta’e umuuf qabame kana lafa qabsiisuuf, barnoota sadarkaa tokkoon duraa (Bu’uura Boruu) irraa kaasee hanga manneen barnootaa Ifa Boruu sadarkaa lammeessoo Addaafi Bultii Addaatti sochii baldhaa taasisaa tureera.
Cancalli sochii kanaa itti fufuun, hundeeffama Shaggar Institute of Technology – SIT dhugoomsera. Guyyaa har’aas, akeekkii ergama olaanaa ce'uumsa saayinsiifi teknoolojii biyya keenyaa kan ta’e Shaggar Institute of Technology – SIT barattoota qaxalee calallii hedduu keessa dabarsuun simate barnoota eegalchiisera. Carraa kanaan, barattoota carraa qaalii kana argatan, akkasumas maatii isaanitiin baga gammaddan jechuun barbaada.
SIT, dameewwan saayinsii umamaa jaarraa 21ffaa, kanneen akka Saayinsii Hawwaa, Hubannoo Namtolchee(AI), Saayinsii Niyukilaaraa, Bayooteknoolojii, Elektirikaalii, Mekaanikaaliifi Mateeriyaal Injiineringii irratti kan xiyyeeffatudha. Sirni kenniinsa barnootaa, kaarikulamiifi laaboraatooriiwwan isaa dhaabbilee barnoota olaanaa idil-addunyaa gama kanaan dursa qaban kan hordofuufi walsimuudha. Saayintistoota idil-addunyaa hirmaachisuun, barnoota yaad-rimee (theory) caalaa, barnoota gochaan deeggarame kennuu kaayyeffatee kan ijaaramedhas. Akkasumas qorattoota, barattoota qaxaleefi fedhii addaa qabaniif, carraa shaakallii, sakatta’iinsa laboraatooriifi yaalii gochaa umuun kalaqa daran kan jajjabeessudha.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, galma tarsiima'aa barnoota saayinsiifi teknoolojii irratti qabate milkeessuuf, gama tokkoon, manneen barnootaa sadarkaa tokkoon duraatii hanga dhaabbilee barnoota olaanoo akkasumas, dhaabbilee qorannootti, bu’uuraalee misoomaa barbaachisan guutuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo olaanaa kenneera. Gama birootiin, sirna barnootaa ummata keenya duudhaafi eenyummaa ofiitti araarsu, haala qabatamaa idil-addunyaatiin walsimsiisu, sammuu walabaa umu, dhaloota qormaata keessa jiruu ol ta’e umu, ogummaa itti horuufi dhaweessa ta’e umu babaldhisuu irratti hojjataa jira. Kanaafis, Shaggar Institute of Technology - SIT hundeessuun dhuma galmichaa akeekera. Milkaa'ina kanaaf, qoodafudhattoota hunda, addatti ammoo saayintistii keenya Birhanuu Bulchaa (PhD) maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin galateeffachuun barbaada.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, jalqabbii gama galma barnootatiin jiru daran cimsuu irratti hoggansa barbaachisu halkaniif guyyaa kennuun kan itti fufu ta'uu carraa kanaan mirkaneessuun barbaada.






