Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa falaasama Idaa'amuutiin masakamee ofta'uun eenyummaa keenyan Itiyoophiyaa mul'isaa jira. Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa falaasama Idaa'amuutiin masakamee ofta'uun eenyummaa keenyan Itiyoophiyaa mul'isaa jira. Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa Fooramii Irreechaa 7ffaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame irratti argamuun baga Ayyaana Irreechaa Bara 2018'tii nagaan geessan jechuun ergaa dabarsan.Ergaa isaanitiin, kurneewwan hedduuf eenyummaa Oromoo dhoksuuf samii gadi aggaammiin hin yaalamne hinjiru, jechuun aarsaa qabsaa'onni boqonnaa hamaa kana jijjiiruuf taasisaniif galata dhiyeessan.
Ittidabaluunis, Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa falaasama Idaa'amuutiin masakamuun ofta'ee eenyummaa keenyan Itoophiyaa mul'isaa jiraachuu eeran. Imala kanas, Haaromsa Aadaatiin masakamuun aadaafi safuun Oromoo dagatame akka mul'isuuf sochiin eegalame cimee itti fufa jedhan.Pirezidaanti Shimallis ittidabaluun, misoomnifi jijjiiramni naannoofi biyya keenyatti mul'atu galata qabsooftoota keenyatii jechuun, milkaa'inoota mul'atanitti osoo hin quufne qaamni kamuu hojiifi jijjiirama caaluuf akka xiyyeeffannoon tarkaanfatu yaadachiisan.Haasaa isaanitiin, baga ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Harsadii nagaan geessan, jedhanii kan yaadachiisan Pirezidaanti Shimallis, qaamota gama hundaan milkaa'inafi nagaa ayyanaa kanaaf hojjataa jiran galateeffachuun, amma goolabbii ayyanichatti xiyyeeffannoo ol'aan akka hojjatan dhaamanii jiru.
 
 






