Muummicha Ministeeraa Itti Aanaa RFDI Kab. Obbo Tamasgeen Xurunaa, Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaafi jilli isaanii pirojektoota misoomaa garaagaraa Godina Booranaatti ijaaraman daawwatan.

  • 02 Sep 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Muummicha Ministeeraa Itti Aanaa RFDI Kab. Obbo Tamasgeen Xurunaa, Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaafi jilli isaanii pirojektoota misoomaa garaagaraa Godina Booranaatti ijaaraman daawwatan.

Bu'uuruma kanaan, Finna Daseegoraa ijaarsi isaa goolabameefi Raanchii Giddugala Sanyii Loon Fooyya'aa Booranaa Diida Xuyyuuraa daawwatanii jiru. Akka Naannoo Oromiyaatti pirojektoonni misoomaa fayidaa ummataa bu'uura godhatan kan akka Finnaa heddu ijaaramuun tajaajila kennaa kan jiran yoota'u, pirojektoota Finnaa 70 akka naannootti qabnu keessaa, Hidha Finnaa guyyaa har’aa daawwanne dabalatee walakkaan (33) isaanii naannawa horsiisee bulaatti kan ijaaramaniidha. Pirojektoonni kunneen qabeenya bishaanii keenya sirnaan hoogganuun, rakkoo hongee irra deddeebiin hawaasa keenya gaaga'aa turaniif furmaata waaraa kan kennaniifi seenaa gammoojjiiwwan keenya jijjiruun gara oomishtummaatti kan ceesisanidha.

 Hawaasni horsiisee bulaa waggoottan dheeraaf, dhabamuu roobaatiin hongee irra deddeebiin mudaturraan kan ka'e, godaansa hinmalleefi gaaga'ama hawaas-dinagdeetiif saaxilamaa tureera. Hawaasni baldhaan kun, waggootaaf xiyyeeffannoo mootummaa argachaa hinturre. Rakkoo irra deddeebiin muudatu kanaafis, qaamni fala waaraa akeeku, imaammataafi tarsiimoon hawaasa kana haammatus hin bocamne.

Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa rakkoo kana hundeerraa furuufi jiruuf jireenya hawaasa horsiisee bulaa fooyyessuuf, tarsiimoo ifa ta'e bocuun raawwachiisuurratti argama. Hojiiwwan kanneen keessaa inni ijoon ijaarsa pirojektoota Finnaati.

Pirojektiin Finnaa, qabeenya bishaanii sirnaan kuusuudhaan, hawaasni horsiisee bulaa yeroo gonginsiifi hongeen mudatu, dhugaatii looniifi tajaajila namaaf akka fayyadamu kan taasisudha. Dabalataanis, ce'umsa dinagdee hawaasaa fiduuf, qonna jallisii akka eegalan gochuun, seenaa gammoojjiiwwanii jijjiiruun, jireenya horsiisee bultootaa irratti dinagdee fulla'aa kan fidudha.