Qonnaan Bulaa: Magaalaafi Dambii Invastimantii Haaraa Keessatti.Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa
Qonnaan Bulaa: Magaalaafi Dambii Invastimantii Haaraa Keessatti.Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Shimallis Abdiisaa
1. Beekamtii Imaammataafi Sirreeffama Tarsiima’oo
Baroota dheeraaf, jechi “invastimantii” jedhu qonnaan bulaa keenyaaf 'sodaa' ture. Invastimantii jechuun kan lafa isaa irraa isa buqqisu qofa osoo hintaane mirga addaa dureeyyii magaalaa ykn biyya alaatii dhufanii fakkaatee muldhataa ture. Adeemsi kun qonnaan bulaa keenya qe'ee isaa irraa dhiibee, misooma irraayis fayyadamaa osoo hintaane 'daawwataa' taasisee ture. Misooma hawaas-dinagdee keenyas eeggataa sektara dhuunfaa qabatamaan lafarra hinjirree ta’ee turuuf saaxileera.
Haala kanaan galmoota qabsoo ummata Oromoo keessaa isa tokko kan ta’e ‘ummata dinagdeen aangoome umuu’ dhugoomsuun kan yaalamu hinturre. Kanaaf Hoggansi Tarsiima’aa Jijjiiramaa keenya yaadama harkisoo kana komachuu osoo hintaane cabsee haaraan bakka buusutti gale. Bu’uuruma kanaan, warraaqsi dinagdee utubaalee afur irratti bu'uura’e labsamee hojiitti galeera. Utubaalee afran keessaa lamaan isaanii haala ummanni keenya, addatti qonnaan bulaan baldhinaan gara sochii dinagdeetti galu kan akeekanidha.
Inni duraa imaammata, seeerota, daambiileefi hojmaata sochii dinagdee, keessumaa hirmaannaa qonnaan bulaa daangessaniifi magaalarraa dhiiban jijjiirudha. Murtoon kun jecha qofa miti; "Dambii Bulchiinsa Invastimantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Lak. 244/2016" ta'ee seeraan labsameera. Daambiin kun rakkoo loogiin magaalaa, baadiyyaa daangaa bulchiinsa isaa keessafi marsee jiru irraan gahaa ture hambisuuf meeshaa murteessoodha.
Inni biroo ummaata daangadhaa hanga daangatti sochii dinagdee keessa galchuun, sirreeffama taasifame gara bu’aa qabatamaatti ceesisuudha. Akkuma olitti aggaamame, dambii kana dabalatee haalonni kallattii haaraa hordofuun mijatan qonnaan bulaa baldhinaan sochii dinagdee keessa galchuuf karaa saaqaniiru. Gama kanaan, inisheetivoota magaalaa galma jiruuf jireenya qonnaan bultoota magaalaa ceesisuuf bocamanii hojiirra oolaa jiran kaasuu dandeenya.
Inisheetivoota magaalaa torba keessaa jaha qonnaa (horii aannaniifi foonii, lukkuu killeefi foonii, qurxummiifi booyyee)’fi giddugala gabaatiin kan walqabatanidha. Kanaanis dhimmoota ijoo sadi hubachuun nidanda’ama. Isaanis:
Tokko - xiyyeeffannoo ijoon inisheetivoota magaalaa, hawaasa baadiyyaa daangaa magaalaa jalaafi ittaanee jiru ta’uudha. Lama - humnoonni omishaa (force of production)’fi malli omishaa (mode of production) baadiyyaa guutumatti, kan magaalota keenyaa amma tokko (%40) qonnaan waan walqabataniif, inisheetivoota kunniin akka humna ka’umsa dinagdeetti fayyadamuun barbaachisaadha. Sadi - akka mala harka naqannaa tarsiima’aatti, inisheetiviin humnaafi mala omishaa boodatti hafaa qonnaa ammayyeessuun oomishtummaa dabaluuf, akkasumas galma omishaa jijjiiruun gabeessummaa babaldhisuuf, darbees gara kurfeessa omishaalee qonnaatti ceesisuuf tarkaanfii murteessodha.
Kana malees, Mootummaan Naannoo Oromiyaa “Urban and Peri-urban Agriculture Development Plan” sochiileen kunniin ittiin qajeelfaman qopheessee hojiitti galcheera. Karoorri kun dhimma misooma boroo (gardening) qofa osoo hintaane, imaammata dinagdee tarsiima’aa hirmaannaa invastimantii qonnaan bulaa babaldhisuu, sirna nyaataa amansiisaa ijaaruu, carraa hojii dargaggootaa umuu akkasumas teknoolojii magariisaafi caasaa magaalaa gidduutti walsimina dhugoomsuti. Gama kanaan, haala addaa pilaaniwwan mummee magaalota Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa dhimma kana ittihammatan kutaa ittaanuun kan ilaallu ta’a.
Mootummaan keenya tarkaanfilee kunniin fudhachuun, tuffii armaan dura lafa, humna (labor), muuxannoofi kutannoo qonnaan bulaatiif ture hambisaa jira. Balbala invastimantii, keessumaa magaalota keessatti qonnaan bulaarratti cufamee ture saaquun, seenaa dhiibamummaafi dagatamummaa hambisaa jira. Har’a, qonnaan bulaan magaalota keessafi marsee jiraatu gama maraanuu akka bu’uura dinagdee magaalotichaa, darbees naannichaatti ilaalama. Qabatamaanis haalli majataa milkaa’ina isaa heeyyamu umamaa jira.
2. Seensa Invastimantii Baldhate
Dambiin Bulchiinsa Invastimantii haaraafi Imaammanni Qonna Magaalaafi Gartokkeen Magaalaa kunniin seensa invastimantii dhibbaa qonnaan bulaa dhiibaa ture jijjiiraniiru. Qonnaan bulaan walqabatee haala qabatamaa isaa irratti akka hundaa’u ta’eera. Qonnaan bulaan, gama tokkoon lafa seeraan qabu, lafa mootummaan invastimantiif qopheesse akkasumas lafa bulchiinsa magaalaa jala jiru irratti invasti gochuu yoobarbaade duursa akka keessummeeffamu ta’eera. Gama birootiin dhuunfaan, maatii waliin, karaa waldaa hojii gamtaa, gareen akkasumas invastaroota biroo waliin walta’iinsa uumee invasti gochuuf mirgi eegameefira. Kunis hirmaannaan invastimantii qonnaan bulaa keessumaa magaalaatti akka babaldhatu karaa saaqera.
3. Adeemsa Invastimantii Salphateefi Eegumsa Addaa Taasifamu
Dambii Bulchiinsa Invastimantii kana dabalatee, seeronniifi hojmaanni mootummaa, qonnaan bulaan rakkoo sirna bulchiinsaatiin hirmaannaa invastimantii keessaa dhiibamee akka hinbaane eegumsa addaa taasisu. Qonnaan bulaan investeroota gurguddoo deeggarsa caasawaa qaban waliin dorgomuuf akka hindirqamne taasifameera; akkasumas hojmaata ulfaatoo haala qabatamaa isaa osoo yaada keessa hingalchin diriire keessa darbuu irraa bilisa taasifameera.
Fakkeenyaaf iyyannoon invastimantii qonnaan bulaa tokko hanqina qaba jedhamee qofa kufaa kan taasifamu osoo hintaane, deeggarsa ogummaa caasaa iyyannoo ittigalfateen sirratee keessummeeffamu akka danda’u hojmaanni diriirera. Qonnaan bulaan iyyannoo irraa kaasee tajaajila investimentii sadarkaa aanaatti, dhiyeenyatti akka argatu ta’eera. Dabalataanis, sirni komiifi ol-iyyannoo harkifannaa ykn daba haqaatiin walqabatee isa muudatu ittiin dhiyeeffatu diriirera.
4. Sirreeffama Ulaagaalee Kaappitaalaafi Faayinaansii
Armaan dura invastara ta'uuf maallaqa callaa miliyoonaan lakkaa'amu bankitti agarsiisuun dirqama ture. Dambiin haaraan garuu, qonnaan bulaan lafa, humna, muuxannoofi kutannoo qabu akka kaappitaalaatti akka qabamuuf taasisa. Invastimantii jalqabuuf kaappitaala gaafatamu keessaa qonnaan bulaan maallaqa callaa dhiyyeessuu kan qabu %20 qofa. %80 hafu, lafa, humna, muuxannoofi kutannoo isaatu shallagamee qabamaaf. Kun seenaa dinagdee keessatti tarkaanfii guddaadha. Walumaagalatti sirreeffamni ulaagaalee seensaa irratti taasifame, haala invastimantiin qonnaan bulaa sadarkaa sadarkaan ittiguddachaa deemu umera.
5. Duursa Lafaafi Onnachiiftuu Irratti Kenname
Qonnaan bulaan sirna kenniinsa lafaafi onnachiiftuu invastimantii keessatti haala addaatiin akka kurkurfamu ta’eera. Lafa isaa ykn lafa mootummaa irratti invasti gochuu yoobarbaade, dureeyyii gurguddoo waliin hindorgomu; caalbaasii hinseenu. Lafa invastimantiif qophaa'e irratti dureessa alaa dhufu osoo hintaane, qonnaan bulaa naannawichaa dursa akka argatu mirgi addaa kennameefira.
Yeroo waliigaltee investimantichaa keessatti, kaffaltii kiraa liizii lafaa irraa bilisa taasifameera. Maashinootafi galteewwan seeraan heyyamaman galchuufis ta'ee, yeroo jalqabbii (grace period) keessatti gibiraafi kaffaltii liizii irraa bilisa akka ta'u dambiin kun nikaa’a. Kunis sodaa jalqabbii (fear of starting) hirdhisuun, kaapitaala muraasa qabu deebisee hojii oomishtummaa qabu irra akka oolchu onnachiisuf yaadameeti.
6. Sirna Deeggarsa Xiyyeeffataafi Ijaarsa Dandeettii
Ulaagaalee sirreessuun, qonnaan bulaaf seensa invastimantii salphisuun hanga heeyyama argatutti qofa miti. Hojmaanni hordoffiifi deeggarsaa addaa hanga dhumaatti deemu diriirera. Qonnaan bulaan keenya invastimantii yeroo jalqabu, qorannoo bu’a qabeessummaa (feasibility study) qopheessuu irraa eegalee deeggarsa ogummaafi teknikaa bilisaan argata. Maddi liqii faayinaansiifi hidhamiinsi gabaa biyya keessaafi alaa nimijeeffamaaf. Walumaagalatti rakkoolee ijoo akka maddaafi bulchiinsa faayinaansii, dandeettii teeknikaa, bulchiinsafi hidhamiinsa gabaa invastimantii qonnaan bulaa mudatan furuun dhimma mootummaan duursa kenneefidha.
7. Eegumsa Mirga Lafaafi Ce’uumsa Mala Jireenyaa
Dambiin invastimantiifi imaammanni qonna gartokkeen/magaalaa haaraan mirga lafaa qonnaan bulaa eeguu darbees magaalaa irratti aangomsuu akeeku. Dabarsiin abbaa qabiyummaa ykn waliigaltee walta’iinsaa (partinership) qonnaan bulaa saamichaaf saaxilan akka hintaasifamne ittidhiheenyan hordofama. Toora invastimantiif daanga’e keessatti, duursi misoomsuu qonnaan bulaa abbaa qabiyyeetiif kennama. Qonnaan bulaa sababa misoomaatiin lafa isaarraa ka’uuf, sirni gargaarsa addaafi hordoffii fulla’aa diriirera. Sirni kun deebisanii dhaabuu qofa osoo hintaane, mala jireenyaa haaraatti madaqsuu darbees gara invastimantiitti ceesisuu hammata.
Tarkaanfilee kunniin babaldhina invastimantii, haqa hawaasummaafi wabii abbaa qabiyyummaa gidduutti madaallii umuuf kan fudhatamanidha. Walumaagalatti galmi dhumaa keenya qonnaan bulaa omishuu irratti milkeessuu qofa osoo hintaane, kanarra darbee dhaabbilee dinagdee mataa isaa akka ijaarratu dandeessisuudha.
8. Waldaalee Hojii Gamtaafi Invastimantii Waloo
Mootummaan Naannoo Oromiyaa waldaaleen hojii gaamtaa daandii amansiisoo invastimantii qonnaan bulaa fulduratti geessan ta’anii akka bahan barbaada. Sababni isaas, qonnaan bultoonni yoowalitti dhufan, humna dabalataa akka argatan, carraa akka baldhifatana, yaaddoo (risk) akka qooddatan waan dandeessisuufi. Mootummaan Naannoo Oromiyaa, dhimma kana akka seera invastimantii qofa osoo hintaane, akka dhimma kabaja, haqaafi badhaadhina waloo hawaasa baadiyyaati fudhatee socho’aa jira.
9. Guduunfaa
Investimantii qonnaan bulaatiin walqabatee, guufuuwwan seensaa hirdhisuu, hojmaanni eegumsa seeraafi deeggarsaa, tajaajila qe’eetti dhiyeessuufi duursa jajjaabeessituu kennuuf dandeessisu diriirera. Jalqabbii jiruun, qonnaan bultoonni kuma 27’tti dhiyaataniifi kaappitaala birrii bil. 127 ol galmeessisan gara invastimantiitti ce’uun dameelee qonnaa, kurfeessa qonnaafi tajaajilaa irratti bobba’aniiru. Haata’u malee, galma dinagdee qabsoo ummata keenyaa milkeessuuf miliyoonotaan gara invastimantiitti fiduun dirqama.
Walumaagalatti caasaan muutummaa sadarkaan jiru, dhimma kana hubatee hubachiisuu darbees qonnaan bultoota, keessumaa daangaa magaalaafi Haaromee keessa jiran baldhinaan gara hirmaannaa invastimantiitti fiduu dhimma ijoo taasisee akka socho’u hubachiisuun barbaada. Qonnaan bultoonni keenyas, carraa kanatti fayyadamtaanii jireenya harkaa-gara-afaanii, akkasumas daangeffama baadiyyaa keessaa baatanii, humna dinagdee maatiifi ummata keessanii ta’uutti akka ceetan waamicha kabajaan isiniif dhiyeessa.
Muldhanni dhumaa keenya qonnaan bulaan akka lafa qotu qofa osoo hintaane, dhaabbilee dinagdee, abdiifi egeree cimaa baadiyyaafi magaalaa Oromiyaa akka ijaaru dandeessisuudha.






