Jilli Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa daawwataa jira.

  • 07 Jul 2026
  • Posted by Anonymous
  • 0 Comments
Jilli Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa daawwataa jira.
Adeemsa baramaa hordofuun dorgomtummaa invastimantii mirkaneessuun kan danda'amu miti. Hoggansi jijjiiramaa haala jiru dursee hubachuun tarsiimoolee warraaqsa dinagdee bocee hojiitti gale. Zooniin Dinagdee Addaa Gadaa deebii tarsiimoolee kanniiniiti. Akkasumas zooniin kun galma Oromoo dinagdeen aangessuuf akeekamee bu'uura taasisuun kan hundaa'e yoota'u, yeroo ammaa hojiiwwan investimentii addaa addaa keessa seenera.
Gadaan gara Zooniin Dinagdee Addaa seektara danuutti olguddachuun isaas, akeekni ce’umsa caasawaa dinagdee boqonnaa haaraatti darbuu kan agarsiisudha. Gadaan boqonnaa qophii bu’uuraalee misoomaa ol malkaa kaappitaalli, omishtiifi magaalomsuun ittiwalgahuun yaa’insa waloo isaanii cimsan ta'aa jira.
Karoorri Mummee (Master Plan) hundagaleessi akka heera qindaa'aa Iddoo(Spatial Constitution) tajaajilu hojiirra ooleera. Karoorri hundagaleessi kun, Gadaa gahiitii invastimantii kamirraayyuu adda isa taasisuurratti argama. Sochii indastirii, daldalaa, leecalloofi jireenya magaalaa sadarkaa olaanaa iddoo tokkotti qindeessee walsimsiisuuf hojjataa jira. Humna namaafi kaappitaala sochiilee harkaa-gara-afaanii irraa gara maanifaakchariingiifi tajaajila oomishtummaa olanaa qabanitti ittiin galchinuuf tarsiimoo amansiisaa ta'aa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, tarkaanfiilee tarsiima’oo ce’umsa caasawaa dinagdee dhugoomsan kunniin finiinsuun, dorgomtummaa idil-addunyaatti qabnu daran kan cimsu ta’a.
Sochii amma yoonatti jiruun, Damee
Daldalaafi Loojistiksii, Qonna(Agroo/food processing), Manufaakchariingii, Albuuda,Tajaajilaafi kanneen biroo zoonichatti hojiitti galanii jiru. Hojiiwwan kanneenirrattis duureyyii Itiyoophiyaa dabalatee Investaroota biyyoota Chaayinaa, USA, UAE, Hoolaandi, Xaaliyaaniifi kanneen biroo kan argamanidha.
Daawwannaa kanarratti Pirezidaantii MNO Kab Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee Komiishinarri Komiishinii Investimentii Itiyoophiyaa Zallaqaa Tamasgeen (PhD), Bulchaa Baankii Biyyoolessaa Iyoob Takkaallinyi(PhD)fi aanga'oonni mootummaa Naannoofi Federaalaa olaanoo argamaniiru.