Kaayyoon Haaromee baadiyyaa magaalaa fakkeessuu miti; ammayyummaa gara baadiyyaatti geessuudha! Pirezidaantii MNO, Shimallis Abdiisaa

  • 07 Jul 2026
  • Posted by Anonymous
  • 0 Comments
Kaayyoon Haaromee baadiyyaa magaalaa fakkeessuu miti; ammayyummaa gara baadiyyaatti geessuudha! Pirezidaantii MNO, Shimallis Abdiisaa
Qabeenyi umamaa, humnoonni dinagdee baadiyyaa naannoo keenya keessa jiran gara qabeenya qabatamaatti jijjiiramuu hindandeenye. Qaawwi misoomaa magaalaafi baadiyyaa gidduu jiru baldhachaa dhufeera. Ce’uumsi Oromiyaa dhugoomuuf, ce’uumsi baadiyyaa dursee dhugoomsun mala filannoo qabu miti.
Akka hoggansa jijjiiramaatti, hudhaa dinagdee keenyaa kana furuuf yaadama kana hordofu ifatti keenyerra. Deebiin keenya baadiyyaan bakka irraa baqatamu osoo hintaane bu’uura misoomni irraa ijaaramu ta’uu qaba kan jedhuudha. Kanas sagantaa maqaa HAAROMEE jedhuun mogga’een hijiirra oolchaa jirra. Haaromeen wiirtuulee ce’umsa baadiyyaa gandoota naannoo keenyaa mara keessatti pilaaniidhaan hundeessaa jirrudha. Kanaaf, Haaromeen pirojektii ijaarsaa qofa osoo hintaane, jijjiirama yaadama misoomaafi ce’umsa baadiyyaa irratti hundaa’eedha.
Tarsiimoo ammayyoomsa baadiyyaa Oromiyaan qabatee socho’aa jiru kanaan, Giddugalawwan Guddina Baadiyya Haaromee ijaaramaa jiru. Lafti baadiyyaa magaalota tarsiima’oo jala jiruuf ‘mandara qonnaan bulaa ammayyaa’ (agropolitan village) yoota’u, baadiyyaa fagootiif ammoo 'Haaromeetu ijaarama jira. Haaromeen mandara xixiqqaa amala ammayyummaa qaban, gandoota baadiyyaa hundatti keessatti ijaarudha.
Kanaanis baadiyyaan naannawa humni dargaggeessa carraa hojii dhabuun keessaa baqatu osoo hintaane, haala dandeessisoo achumatti hojii uummachuun danda’amu kan taasisudha. Galma qabameen haaromeefi mandaroonni qonnaan bulaa tajaajila ammayyaan kan walsimanidha.
Adeemsa kanaan, magaalonni gurguddaan giddugala al-ergii yoota’an, mandaroonni qonnaan bulaa ammayyaafi haaromeen gama isaanitiin gara giddugala omishaafi kurfeessaa(Processing)tti ce'uu danda’u.
Gaheen Haaromee inni biroo dinagdee baadiyyaa damdaneessa taasisuudha.. Inisheetiviin indastirii godoo magaalaatti jalqabame, akkuma mandaroota qonnaa ammayyaa, gara haaromeettis kan babal'ifamudha. Hojiileen daldalaafi dhaweessummaa waliin walqabatanis haaromee keessatti kan jajjabeeffaman ta'u.
Adeemsa kanaan, kaayyoon Haaromee baadiyyaa magaalaa fakkeessuu miti. Ammayyummaa gara baadiyyaatti geessuudha. Ammayyummaa jechuun gamoo dhaabuu qofa miti. Ammayyummaa jechuun bu’uuraalee misoomaa, tajaajila hawaasummaa, dhaabbilee faayinaansiifi haqaa, gabaa, akkasumas wiirtuulee oomishtummaafi hojii balbala qoteefi horsiisee bulaatti qaqqabsiisudha. #oromiapresidentoffice2026
Ergaa Guutuu geessituu kana tuquun dubbisaa: https://www.facebook.com/100091427718960/posts/940657422325173/?app=fbl
See less