To'annaa sochiifi ga'umsa hojiilee misoomaafi bulchiinsaa naannoo keenyaa dagannaa malee yeroo yerootti daawwannaa taasisaa jirra.

  • 07 May 2026
  • Posted by Anonymous
  • 0 Comments
To'annaa sochiifi ga'umsa hojiilee misoomaafi bulchiinsaa naannoo keenyaa dagannaa malee yeroo yerootti daawwannaa taasisaa jirra. Bu'uuruma kanaan, har’a Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Qinbibiit Gandoota Sagaleefi Dabra Muusaatti Hidha Finnaa Hadhaawaafi Kilaastara Qamadii Jallisii, Aanaa Jiddaatti Kilaastara Garbuu Biiraafi Kilaastara Furdisa loonii Magaalaa Sirxii, akkasumas kilaastara qamadii jallisii Aanaa Sulultaatti daawwannaa taasisneerra. Daawwannaa kanaan, misoomni inisheetivii garaagaraafi sochiileen misoomaa aanalee godinichaatti raawwatamaa jiran kan nama jajjabeessan ta’uu hubanneerra. Rakkoon keenya umama osoo hintaane, rakkoo sirna bulchiinsa bishaaniiti. Hirkatummaan roobaratti qabnu, irra deddeebiin hongeef saaxilamaa tureera. Mootummaa jijjiiramaa keenya, rakkoo kana bu’uurarraa furuuf tarkaanfiiwwan gurguddoo sadii fudhatamaa jira.