Waltajjii qorannoo raawwii hojii Paartifi Mootummaa kurmaana 3ffaa bara 2017, gaggeessaa turre milkiin goolabne
Waltajjii qorannoo raawwii hojii Paartifi Mootummaa kurmaana 3ffaa bara 2017, gaggeessaa turre milkiin goolabne. Qorannoo kanaan, kallattiiwwan bu’uuraa gamaaggamicha dursinee keenye hordofuun, raawwiilee kurmaanota darbanii, sababoota milkaa’inaafi harcaatii hojiilee karoorfamanii, tarsiimoo sirreeffama harcaatiiwwan kurmaanota darbanii, adeemsa qophii karooraa bara 2018’fi dhimmoota hoggansummaan walqabatan baldhinaan seecaanerra.
Ija kurmaanota lamaan darbaniifi ittifufsiisa adeemsa baramaatiin walbiratti yoo ilaalamu, raawwiin kurmaana kanaa jajjabeessadha. Gama kaanin, hiree haqa qabeessa ummanni keenya wareegama olaanaan nuharkaan gahefi gatii qaaliin tiksaa jiru, muuxannoo waggoota darban kuufanne, dilbii carraa misoomaa olaanaa qabnu, caasaa mootummaa guddaafi hoogganaa gulantaa idil-addunyaa qabnuun walbiratti yemmuu madaalamu, milkaa’inni keenya kan gabaa bahuu miti.
Akkasumas, maraamartoo hiyyummaa ummata keenya hiraarsaa jiruufi balaa isaan walqabatee dhufuu maluun walbira qabnee yoo ilaallu, milkaa’inni hanga ammaa galmeessisne imala turellee ittifufsiisuuf gahaa akka hintaane irratti waliigalleerra. Galmoota qabsoo ummata Oromoo badhaadhina hundagaleessaa milkeessuu akeekan, dagannaafi ittiquufinsa milkaa’ina xixiqqaan dhufuu malan irraa ofeeguu qofa osoo hintaane, yeroo gababaa keessatti injifannoo qooddattoota armaan olitti kaasne madaalan galmeessisuun gadi dhaabuu qabna.
Bu’uuruma kanaan, toorawwan yeroo dhufutti xiyyeeffannoo barbaadaan adda baasnerra. Imalli keenya hanga dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta'e, ummata dinagdeen humnoomefi sirna cimaa ijaarrutti liphii ijaatiif kan hin dhaabbanne ta’uu hubatamuu qaba. Kanaafuu hireen akka hoggansaatti nu eegu, jaarsummaan osoo hintaane walirratti qabsaa’uun socho’uu akka ta’e cimsee hubachiisun barbaada.
Walumaagalatti, milkaa’inoonni gurguddoon hanga ammaa galmaa’an, jabaannee yoo hojjanne, ilaalcha yaraa barootaaf ummata keenya hiraarsaa tureefi jiru jijjiiruuf akka dandeenyu kan irraa barannu malee kan ittiin dhiichifnee hojii caalmaa nufuuldura jiru itti dagannu akka hintaane sirnaan hubachuu qabna. Bu’uuruma kanaan, naannoo iddoo dhaabbatee warraqsuu eegalle kana, furguuga keessa galchuun, milkaa’ina yaaddoo boodatti deebii hinqabne hanga galmeessifnutti miira dheebuu olaanaan akka sochonu, maqaa kiyya, Mootummaa Naannoo Oromiyaafi ummata Oromootiin imaanaa jechuun barbaada.