Waajjirri Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, gamaaggama raawwii hojii paartiifi mootummaa hanga kurmaana 3ffaa bara 2017 gaggeessaa jira.
Waajjirri Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, gamaaggama raawwii hojii paartiifi mootummaa hanga kurmaana 3ffaa bara 2017 gaggeessaa jira.
Bu'uuruma kanaan, gabaasni raawwii hojii paartiifi mootummaa hanga kurmaana 3ffaa bara 2017 dhiyaaterratti, hoggantoonnifi miseensonni Gamtaa Paartii Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa marii taasisuurratti argamu. Qorannaan kun raawwii hojiilee gurguddoo ji’oota 9'fi kallattii qophii karoora bara 2018 irratti kan xiyyeeffatu yoota'u, gabaasni raawwii hojiilee Mootummaafi Paartii dhiyaachuun mariin bal'aan irratti taasifamaa jira.
Waltajjii kanaan kallattiin ciminaalee mul'atan caalmaatti ittifufsiisu, hudhaalee hojii keessatti mul'ataniifi hanqinaaleen adda ba'uun, kan irratti mari'atamu ta'a.