Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Teknoloojii haaraa (ERP) hojiiwwan ijaarsaa milkeessuu danda'u hojirra oolche.

  • 30 Apr 2025
  • Posted by oromiapre_ulpro
  • 0 Comments

Korporeeshiniin Ijaarsa Oromiyaa Teknoloojii haaraa (ERP) hojiiwwan ijaarsaa milkeessuu danda'u hojirra oolche.

Pirezidaantii Itti Aanaa MNO Obbo Awwaluu Abdiifi Af- Yaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurhamaan sagantaa ifoomsa teknoloojii kanaarratti argamanii jiru.

Obbo Awwaluu Abdii sagantaa kanarratti haasaa taasisaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa injifannoo ummanni Oromoo waggoota hedduun booda aarsaa kanfalee argate kanaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf galmoota gurguddoo qabatee hojjataa jira jedhan.

Galma dinagdee cimaa ijaaruuf qabatee hojjechaa jiru keessaa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa bifa haaraan gurmeessuun hojiitti akka galan taasifamuu kaasuun, dhaabbanni OCC indisturii ijaarsaa keessatti dorgomaa cimaa ta'uun hirmaatee hir'ina gama kanaan jiru guutuufi gabaa akka tasgabbeessuu bifa haaraatiin kan hundaa'e ta'uu kaasaniiru.

Ittidabaluunis, dhaabbatichi yeroo gabaabaa keessatti hojii gurguddaa hojjechaa jiruun, bu'aawwan gurguddoo galmeessisaa jiraachuu eeruun, Mootummaan Naannoo Oromiyaa tarsiimoo imala magaaloomsuu eegale dhugoomsuu keessatti dhaabbatichi gahee olaanaa kan qabu ta'uu hubachuun humna cimaafi teknoloojii yeroon gaafatu kalaqaan dabaaluun hojjechuu akka qabu Obbo Awwaluun hubachiisanii jiru.

Dhaabbatichi ce'uumsa gara indaastiriitti taasifamu keessatti giddu-gala teknoloojiifi kalaqaa akka ta'uuf xiyyeeffannaan kennamee hojjatamuurratti argama.