Qormaanniifi rakkooleen biyya keenya mudatan kanneen,injifannoo caaluuf nu si'eessani malee kan nu jilbeeffachiisan miti" Obbo Awwaluu Abdii
Mariin mata duree " Baay'inni qormaataa imala badhaadhina keenyarra nu hin dhaabu'' jedhu,gidduugala galma aadaa Oromootti taa'amaa jira.
Marichaaf haasaa saaqiinsaa kan taasisan Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii,rakkoon siyaas dinagdee keenya keessatti nu quunnamaa jiran hedduun sababaa maraamartoo dhibee siyaasa bubbule keessaa bahuu dadhabuu keenyaarraa kan madde tahuu eeruun,rakkoolee kanneen keessaa bahuufis qaamooleen hawwasaafi mootummaan qindoominaan hojjechuu qabuu jedhaniiru.
Naannoo keenyatti rakkoon nageenyaa,hannaafi rakkoon bulchiinsa gaarii kenna tajaajilarratti mul'ataa jiran kan furamuu danda'an uummata dhaggeeffachuuniifi karaa aadaaf duudhaa keenyaan rakkicha furaa deemuunis tahuu dubbataniiru,Obbo Awwaluun.
Marichi Hooggantoota,Abbootii Adeemsaafi Hojjettoota adda duree Kilaastera Hordoffiifi Deeggarsaa kan hirmaachise yoo tahu,guyyoota lamaaf mari'atama