(Dambee Turcee, Yunvaristii Finfinneetti Kaadhimamaa PhD):-Hojii gama aadaatiin waggoottaan sadan darban kana keessa BMNO hojjate keessaa hojiin Mana Murtii Aadaa sadarkaa aanaa, magaalaafi gandaatti hundeessuun isa ijoodha. Ummtni Oromoo Sirna bulchiinsa Gadaa demokiraatawaa bocee jaarraa hedduudhaaf ittiin bulee rakkoolee siyaas-diinagdee ittiin hikkataa turee jira. Erga bulchiinsi gita bittaa afaan qawweetiin lafa Oromoo toowannaa isaa jala oolchee ummata cunqursee bulchuu eegalerraa kaasee Oromoon heeraafi seera qabuun buluun hafee seeraafi duudhaa gara biraatii fidaniin akka bulu ta’eera.
Seerri biyyoota dhihaa ykn gara biraatii waraabbamee dhufe kun bu’uuri isaa aadaa, duudhaa, sona amantaafi muuxannoo ummata Oromoo kan ofkeessaa hin qabne waanta’eef yeroo Oromoon ittiin tajaajilamu bu’aa inni fidu caalaa miidhaa hawaasummaa cimaa inni hawaasa gidduutti uumutu caala. Keessumattuu, dhimmootni tajaajila haqaatiin walqabatan kan manneen murtii idilee keessatti ummataaf kennamu ummata kan walitti fiduufi araarsu, olaantummaa seeraa kan kabajchiisuufi haqa kan baasu osoo hin taane kan namootaafi hawaasa walitti nyaaphsu/diinomsuufi kan akka ummatni haaloo walitti kuusu godhu ta’uu isaa qorannoon mirkanaawee jira.
Ummatni Oromoo rakkoo kana hiikee heeraafi seera Gadaatiin akka tajaajilamuuf jaarraa tokkoofi walakkaa oliif qabsoo walirraa hin citne geggeessaa ture. Erga sirni gita bittaa bara 1983 qabsoo ilmaan sabootaafi sab-lammootaatiin kufeen booda mootummaan federaalaa heera biyyaa keessatti sabootniifi sab-lammootni biyya kanaa aadaa, duudhaafi sona isaanii guddifachuufi ittiin tajaajilamuu akka danda’an tume. Heera mootummaa feederaalaa kanarratti hundaa’uudhaan BMNO heera naannoo keessatti ummatni Oromoo aadaa, duudhaa, sona, afaaniifi seenaa isaa guddifachuufi ittiin tajaajilamuu akka danda’u heera BMNO keessatti tumee hojiin guddaan gama Kanaan hojjatamaa turee jira. Haata’u malee, waggoottan 27 bara bulchiinsa TPLF keessa gaaffiin Manni Murtii Aadaa akka hundeeffamuuf ummatni Oromoo gaafataa ture akka hin deebine ukkaamsamaa turee jira. Bara sana keessa nama gaaffii kana kaasu maqaa adda addaa itti moggaasuudhaan doorsisniifi tarkaanfii adda addaa irratti fudhatamaa ture.
Waanta’eef, qabsoo qindaawaa keessaafi alaa ummatni Oromoo, qeerroofi qarreen aarsaa guddaa itti kaffalaniin murni TPLF erga aangoorraa ari’amee booda waggoottan sadan darban kana keessa hojii guddaa BMNO hojjate keessaa gaaffiifi qabsoo jaarraa tokkoofi walakkaa olii ummata Oromoo kan ta’e, Manni Murtii Aadaa sadarkaa aanaa, magaalaafi gandaatti hundeessuun danda’amee jira. Mootummaan jijjiiramaa gaaffiiwwan ummatni Oromoo qabsaawee aarsaa guddaa itti kaffalaa ture keessaa Mana Murtii Aadaa hundeeffatee seera Gadaatiin akka tajaajilamu ta’uu isaa sirriitti hubatee ogeeyyii ramadee qorannoo bal’aa erga geggeesseen booda Manni Murtii Aadaa sadarkaa aanaa, magaalaafi gandaatti akka hunda’u godhee jira.
Kaayyoo guddaan Mana Murtii Aadaa ummatni Oromoo seeraafi duudhaa aadaa isaa keessa jiru giddu-galeessa godhatee falmiiwwan yakkaafi qabeenyaa namoota dhunfaa, maatii, gareefi hawaasa gidduutti uumamu qa’ee isaa keessatti akka hiikatu gochuudha. Galmi guddaan Mana Murtii Aadaa immoo, walitti dhufeenya namoota dhunfaa, maatii, gareefi hawaasaa cimsuudhaan lammii waljaalatuufi tokkummaa cimaa qabu uumuudha. Kan biraa, ummata dandeettii rakkoo isaa karaa aadaa isaatiin hiiku gabbifatee falmii yakkaafi qabeenyaa namoota dhunfaa, maatii, gareefi hawaasa gidduutti uumamu ofumaan qa’ee isaa keessatti hiikkatee guddina diinagdeefi hawaasummaa biyyaa keessatti shoora adda durummaa akka taphatu uumuudha. Walumaa galatti, BMNO haaromsaan asitti gaaffii ummata Oromoo jaarraa tokkoofi walakkaa oliif ture deebisuu danda’ee jira.