Mootummaan Naannoo Kibbaa lammiilee naannoo keenyaa sababaa hongeen miidhamaniif kan oolu qarshii miliyoona 20 deeggarsa taasise.

  • 22 Feb 2022
  • Posted by Anonymous (not verified)
  • 0 Comments

Jiilli Pirezidaantii Naannoo kibbaa Obbo Ristuu Yirdowun durfamu, Pirezidaantii MNO Obbo ShimallisAbdiisaafi Hoggantoota Olaanoo Naannichaan Waajjira Pirezidaantiitti simatameera.Uummanni Oromoofi Sabaaf Sablammoota Kibbaa uummata seenaa jireenya bara dheeraa waliin qabuufi aadaafi duudhaa hedduu waliin qooddataa ture tahuu kan eeran, Pirezidaant Shimallis,deeggarsa naannoo keenyaaf taasifameefi galateeffataniiru.Uummanniifi mootummaan naannoolee lameenii tokkummaa Itiyoophiyaa tiksuu keessattis gahee waloo akka bahataas turan kan eeran Pirezidaant Shimaallis,Fuldurattis hojii misoomaafi nageenyaa hedduu waliin kan hojjetan tahuu dubbataniiru.

Hariiroon uummattoota naannoolee lameenii kan baroota hedduuf tureefi ijaarsa Itiyoophiyaa keessatti hangafummaan mul'ataa turee tahuu kan yaadachisan Pirezidaantiin Motummaa Naannoo kibbaa,Obbo Ristuu Yirdowu,deeggarsi taasifne yeroo bal'ina qofa osoo hin taanee yeroo rakkoos waliin jiraachuu keenya mirkaneessuufi jedhaniiru.Uummanni Oromoofi Sabaafi sablammoota kibbaa uummattoota tokko,naannoo garaagaraa keessa jiraatan tahuu kan eeran,Pirezidaant Ristuun naannooleen lamaan hariiroo ofii cimsuunis humnoota tokkummaa Itiyoophiyaanotaa laaffisuu barbaadan dura kan dhaabbattan tahuus dubbataniiru.

Oromiyaa ni ijaarra❗

Itiyoophiyaani utubna❗

Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina❗