Yaa Waaqa, Baala Midhaan gootu, dhiiga Mucaa gootu, hooquba!” jedhee ganama barraaqaan ka’ee galateeffata’.
Jireenya Qonnaa keessatti abdii waaqaatiin Qonnaan bulaan sanyii midhaan isaa qooxii irraa fuudhee dacheetti facaasa.
Waaqni roobaan lafa jiisee sanyiin biqilee baala ta’a. Baala kanatu yeroo waaqni kaa’e keessatti ija ykn firii baasee makaramee soorata namaafi horiif ta’a.
Yeroon kun itti ta’u wayita gannaa, dhoqqeen lafa kutee, lagni guutee, Cooreen wal cortee malkaa ce’umsaa cuftee, huurriin lafa uwwisee, lafti dukkanaa’eetti dha. Waqtii isaa eeggatee dukkanni ifa aduu bakka bu’aa deemu, daandiin dhoqqaa’ee deemsa dhorkate xuuxxatee deemsaaf mijatu, sanyiin faca’ee biqilee baala ture hudhee, daraaree, dachee bareechee ijatti(firiitti) deebi’u, asheetiin itti nyaatamu birraan yeroo irreechaa(galateeffannaa)ti.
Haaluma kanaan Oromoon waktii kana “Baga Booqa Birraa geessan” jedha. Birraan, Waqtii dukkanni gannaa darbee abaaboon dachee guutudha.
Oromoon bara haaraa jedhee yeroon itti kabaju wayita roobni guddaan darbee, ililliin birraa daraaruu fi malkaan taliila ta'u dha jedhu ogeessotni aadaa fi seenaa Oromoo. Masqalli bulee sariitiin galaanarraa cinnaan namnis wal arga.
Waaqtiin birraa, Baatii Fulbaanaatii kaasee, dacheen daraaraa Keelloo, tuufoo, hadaafi kanneen biroon asiifi achiin bareedee ija nama hawwata. Gama biroon ammoo, Oyiruun Qonnaan bulaa baala irraa gara firiitti jijjiiramee asheetiin midhaanii alaafi mana guutee, mana nama hundaa biratti mullata. Ijoolleen asheeta quuftee bajjii ykn hurufa keessa burraaqxi. Jiboonnii fi gorommiin hoo’a birraa ganamaa gammadanii dirree keessa burraaqu, kormi loonii ni bookkiisu, Qotiyyoon hurufa keessatti wal jifatu, rimaan Arfaasaa guuttatte asiifi achii dhaltee jabbiin gorba keessaa mar’atti.
Oromoon haallan kana hunda keessatti iccitii humna waaqaa qalbeeffataa deema. Waqtii afraasaatti rooba bokkaaf kadhatamee, bokkaa isaaf roobsee midhaan magarsee marga horiif geessise ni galateeffatama. Malkaatti ba’ee, dirree irra guutee” Midhaan namaaf geessee, marga horiif geessee, baala midhaan gootee gombisaafi togoogoo koo guutee,…..” jedhee waaqa kan itti galateeffatu birraadha. Ji’a Irreechaa, kan galateeffannaa.
Birraan yeroo firrii fira isaa ganna haala hojii, jiruufi jireenya akkasumas haala qilleensaaf jecha wal irraa citee taa’aa ture, kan nyaataa fi dhugaatii qopheeffatee, itti wal dubbisu, walgaafatu fi qe’ee walii daawwatu. “Hiyyoo koo daree, ya habaaboo daree….” Mallattoon Booqaa Birraa, ibsaan Masqalaa ba’ee ayyaanni Masqalaa itti kabajamuun galataaf malkaatti bahaniidha.
Dargaggeessi xomboora guuree Daamaraa Masqalaa gubee, Kormoomsaa daaraa masqalaa addatti dibatee, sirba masqalaa wal jalaa qabee sirbaa yiikkisee dhiichisu, shamarran dibbeen lafa goosan jaarsi biyyaa ija irraa hafaa, horaa bulaa jedhee naannoo ibsaa masqalaa dhaabbatee yeroo itti eebbisu dha. Kanaaf hawaasni Oromoo Waaqa waa hunda keessa isa dabarsee birraa hawwataa kanaan isa ga’e Irreeffatee galateeffata.
Akka amantaafi falaasama Uummata Oromootti, Uummamni hundi gochaafi humna waaqa isaan uume mullisu jedha. Iccitiin humna Waaqa tokkichaa karaa uumamoota kanaa ibsama. Kanaaf, Irreechi bifa aadaatiin sirna galateeffannaa fi kadhaa waaqaa taasifamudha.
Irreechi hiika baay'ee yoo qabaates hiiknisaa inni guddaan, “Galatoo Waaqayyoo” (Happy, thanks giving day') jechuudha. Irreechi waggaatti al lama kan geggeeffamuudha, Irreecha Tulluufi Irreecha Malkaa.
Inni gubaa masqalaa booda raawwatamu Irreecha malkaati. Kunis ganna gurraacha keessaa bahanii gamtaan Waaqasaanii galateeffachuuf kan raawwatamuudha.
Karaa biraatiin Irreecha yemmuu jennu hiika (yaada) birootis ni qaba. Kunis marga ykn coqorsa sirna ayyaaneffannaa tokkoof ykn araaraaf yoo deemamu harkatti qabatamus ni ibsa.
Ayyaanni Irreechaa birraa keessa kabajamu irra caalaatti galata Waaqaaf galchuuf yoo ta’u, milkaa’ina fuula duraatiifis ni kadhatu. Galanni Waaqaaf galfamu kunis, “Kadhaa keenya nuuf dhageesse; ifatti nu baastee, sanyii facaafanne nuu biqilchite, sa’aa-namaa nagaa nuuf kennitee galanni sihaa ga’u” jedhu.
Akkasumas milkaa’ina fuulduraatiif ammoo, “Midhaan alaa ga’e (bilchaate) namaafi sinbira wajjin nuu soori; bara nagaa kan quufaa nuu godhi; yaadaafi hawwii keenya nuu guuti;” jedhanii waaqa kadhatu.
Ulfaan Gadaa shananii gaafa ayyaana Irreecha Birraa, bakka tokkotti bahu. Abbootiin Gadaa, bakka adda addaa jiran, Abbootiin Muudaafi warri Ulfaa gaaf sana hinhafan. Kadhaan Waaqaafi eebbi eebbifamus akka sabaatti.
Kaayyoon kabaja ayyaana Irreecha Birraa Waaqa booruu Gannaa keessaa nagaan namaafi sa’a gara Booqa Birraatti baase/hulluuqsiseef galata galchuudha. Kanaaf,namni gara ayyanichaa dhufu kamuu kan wal dhabeen araaramee,nagaaf dursa kennee jaalalaan bahee jaalalaan gala.Waaqa bacaqii gannaa, rooba ulfaataa gannaafi dukkana gannaa keessa nagaan biyya hulluuqsisee daraaraa birraa, asheetaafi foolii birraan, walumaagalatti Waaqaaf galateeffachuudha.
Maarree,bara kanaas wayita ayyaana irreechaa irreeffannu duudhaa,safuufi ulfoo ayyanichaa beekuun keessayyuu nageenya keenyaafi ayyanichaaf dursa kennuun haa kabajnuun ergaa kooti.
Ayyaanichi kan nagaa,gammachuufi jaalalaa nuuf haa tahu.Fulbaana,2014