Ergaa galateeffannaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa.
Ergaa galateeffannaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaa.
Kabajamaa ummata naannoo keenyaa,Hunda dura waamicha mootummaan duula guyyaa tokkootiin biqiltuu miiliyoona 350 guyyaa tokkotti dhaabuuf labseef owwaattanii roobaafi dhoqqee osoo hin lagatin injifannoon waan milkeessitaniif galata guddaa qabaachuu keessan ibsuun fedha.
Har'a biqiltuu dhaabne. Dhaloota itti fufsiisuuf murteessine. Oromiyaa ijaarra kan jenne kanaani. Oromiyaa ijaaruuf dhimma dhaloota har'aafi egereef yaaduu, hojjechuu, karoorfannee milkeessuufi injifannoo lakkaa'amu galmeessuun dhimma boriif jennu osoo hin taane har'a raawwachuu kan qabnuudha. Isinis qabatamaan akka murteessitan agarree jirra. Kutaaleen hawaasaa adda addaa har'a biqiltuu harkatti qabattanii, roobaafi dhoqqee dandamattanii, mana keessan irraa imaltanii, bakkeewwan adda addaatti biqiltuu dhaabdan baga gammaddan. Biqiltuuwwan har'a dhaabne qilleensa gaarii unachuuf, gaaddisa ta'ee aara itti galfachuuf, nyaata ta'ee soorachuuf, sona dachee ta'ee dhiqama biyyoo to'achuuf kan oolu waan ta'eef firiin isaa kan yeroo gabaabaafi dheeraati.
Kabajamoo ummata naannoo keenyaa, Biqiltuun har'a dhaabne kunuunsa barbaada. Akkuma har'a hojjennee waan karoorfanne milkeessine, biqiltuuwwan har'a dhaabne kunuunsinee oomisha dachaa akka sassaabbannu shakkii hin qabu. Sababni isaas, akka warra guddaa aadaafi duudhaa man-dhalee qabnutti deebinee horata buleeyyii qabnu sakattaanee adda baafachuudhaan ittiin hojjechuu eegallee jirra. Guddummaan Oromoofi Oromummaa dhugaan madaala naannoo eeguu, haqa kabachiisuu, hirmaachisummaa jajjabeessuu, garaa laafinaafi mararfannaa irratti kan hundaa'eedha. Har'a wayita biqiltuu dhaabnu daangaa malee addunyaaf qilleensa qulqulluu sooruuf murteessuu keenya hubachuu qabna. Kana ammoo hojii hanga ammaatti hojjenneen bu'aa arganne irraa kaanee ibsuu kan dandeenyuudha.
Misooma sululaafi dhaabbii biqiltuuwwan hanga ammaatiin lageen gogan akka deebi'anii mirgisan, hongeefi gogiinsi akka hir'atu, oomishni qonnaa akka dabaluufi wabiin nyaataa akka mirkanaa'uuf daran nu gargaaraa jira. Kanaafuu, ammas harki hojjetu akka milkaa'u amantaa guutuu qabna.
Kabajamaa ummata naannoo keenyaa!
Carraa hojii duula ashaaraa magariisaa guyyaa har'aafi labsii kenna Tajaajila Lammummaa guutummaa naannoo keenyaatti fayyadamee irra deebiidhaan wayitan isin galateeffadhu gammachuu guddaan qaba. Ammas taanaan duudhaa keenyatti deebi'uu qabna. Waltumsaafi waldeeggarsaaf iddoo ol'aanaa kennina. Halkaniifi guyyaa hojjennee bilisummaafi birmadummaa biyyaafi ummata keenyaa ni mirkaneessina. Kanaafuu, yeroo itti aanu kana keessatti karoora imala badhaadhinaa qabanne hunda milkeessuudhaan badhaadhina maatiifi biyyaa mirkaneessuuf akka hojjennuuf waamicha koon dabarsa.
Irree gamtoomeen hojjennee galmoota Badhaadhinaa ni mirkaneessina!
Shimallis Abdiisaa,Pireezidaantii BMN Oromiyaa,Adooleessa, 2013
Finfinnee.