Seektaroota/Manneen Hojii Damee Qonnaatiin Hordofamaniifi Deeggeraman
Biiroo Qonnaa
Biiroo Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii
Biiroo Lafaa fi Eegumsa Naannoo
Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa
Ejensii Mis. Eegumsa Fayyaa Beeyladaa
Inistitiyutii Qorannoo Qonnaa
Kom. Misooma Naannoo Horsiisee Bulaa
Kom. Qophii fi Ittisa Balaa Oromiyaa
Damee Qonnaa
1) Raawwii imaammataa fi tarsiimoo Damee Qonnaa hordofuu fi xiinxaluun gabaasa xiinxala imaammataa fi tarsiimoo dhiyeessuu,
2) Yaada imaammataa, tarsiimoo fi sagantaalee Damee Qonnaa bu’a-qabeessa taasisuu danda’an maddisiisuu,
3) Kallattiiwwanii fi murteewwan Pirezidaantii fi mana maree bulchiinsa mootummaa naannichaatiin Damee Qonnaa ilaalchisee kennaman raawwachiisuu fi raawwatiinsa isaas dhiyeenyatti hordofuu fi deeggaruu,
4) Yaada imaammataa, tarsiimooo fi murteewwan Damee Qonnaa irraa preezdaantiif dhiyaatu xiinxaluun qulqullinaa fi gahumsa isaanii mirkaneessuu,
5) Dhimmoota damee qonnaa bu’a-qabeessa taasisan irratti Pirezidaantiif gorsa kennuu,
6) Gabaasa raawwii karoora damee qonnaa walgahii idilee Caffee Oromiyaatiif dhiyaatu qopheessuun dhiyeessuu, fi
7) Iyyannoo fi komii hiikkaa tarsiimo’aa qabanii fi damicha ilaallatan qorachuun fala akka argatan taasisuu.
Midiyaa Hawaasa
Waa`ee Waajjira Bulchiinsa Diyaaspooraa Daarektaroota Oduu Nuu Qunnamaa
Copyright @2021 by Oromia President Office| www.oromia.gov.et